Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy misooma naannawaa Holqa Soof Umar galii kitaaba ‘Dhaloota Ida’amuu’ irraa argameen hojjetamaa jiru daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 13, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad misooma naannawaa Holqa Soof Umar galii kitaaba ‘Dhaloota Ida’amuu’ irraa argameen hojjetamaa jiru daawwataniiru.

Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachew dabalatee Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan daawwannicharratti argamaniiru.

Bara darbe wayita kitaaba ‘Dhaloota Ida’amuu’ eebbifne galiin kitaabota Naannoo Oromiyaatti gurguramanirraa argamu naannawaa Holqa Soof Umar misoomsuuf akka oolu gumaachinee turre. Har’a sadarkaa dinqisiisaa hojichi irratti argamu daawwanneerra jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Qabeenya bal’aa seenaafi kennaa uumamaa Baleen qabu yoo ilaalle naannawaa qabeenyi guddaan jirudha.

Teessumni lafaa hawwata ajaa’ibsiisaa qabu misooma bu’uraafi mala walqunnamtii fooyya’aa qabaannaan guddina caalmaa qabu argamsiisuu ni danda’u jechuun eeraniiru.

Paarkiin Dinshoo naannichatti argamu hawwattummaa naannawaa sanaa kan dabaludha.

Jalqabbiin ajaa’ibsiisaa piroojaktii Soof Umar faayidaa hooggansa piroojaktii cimaa kan sirriitti agarsiisu yoo ta’u, adeemsi hojichaa sadarkaa amma irra jiruttillee carraa hojii bal’aa kan uumeefi sadarkaa jireenya hawaasichaa kan baay’ee fooyyessudha.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.