Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hanga ammaatti bool’i dhaabbii biqiltuuf oolu biiliyoonni 1.1 ol qophaa`uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti sagangaa Ashaaraa Magariisaa bara kana gaggeeffamuuf hanga ammaatti bool’i dhaabbii biqiltuuf oolu biiliyoonni 1.1 ol qophaa`uu Biiroon Qonnaa naannichaa ibseera.
Hojii ashaaraa magariisaa bara 2011 irraa eegalee xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiruun biqiltuuwwan akka biyyaatti dhaabbatan biliyoona 32 ol keessaa biiliyoonni 18.6 naannoo Oromiyaatti kan dhaabbate ta`uu Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daaryektarri Misoomaafi Kunuunsa Bosonaa Obbo Katamaa Abdiisaan ibsaniiru.
Latiinsi isaas dabalaa dhufuun bara 2011 % 81 kan ture yeroo ammaa % 85 irra ga’uu himaniiru.
Hojiin ashaaraa magariisaa bara baraan namoota kuma 70 hanga kuma 80 ta`aniif carraa hojii uumaa jiraachuus kaasaniiru.
Bara kanas buufata biqiltuu mootummaa 1020fi kan biroo walumaagala kuma 40 irratti biqiltuuwwan gosa adda addaa biliyoona 5.5 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti biqiltuuwwan biiliyoonni 5.4 qophaa`uu Obbo Katamaan eeraniiru.
Biqiltuuwwan bara kana qophaa`anis lafa hektaara miiliyoona 1.2 irra kan dhaabaman yoo ta`u, lafti hektaarri kumni 500 Teeknooloojii fayyadamuun GPS`n adda ba`uu dubbataniiru.
Hanga ammattis bool’i dhaabbii biqiltuuf oolu biiliyoonni 1.1 ol himaniiru.
Godinaalee roobni dursee roobe kanneen akka Boorana, Baaleefi Harargee keessatti biqiltuuwwan miliyoonni 60 ol dhaabamuu dubbachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
Suuraan:- Kuusarraayi
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.