Fana: At a Speed of Life!

Bu’uura waadaa seenneen daandiiwwan murtaa’aan xumuruun tajaajilaaf banaa taasifneerra – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 12, 2016 (FBC) – Bu’uura waadaa seenneen daandiiwwan murtaa’aan xumuruun tajaajilaaf banaa taasifneerra jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.
Kaleessarraa eegalee hanga har’a bariitti hooggantoota hojii olaanoo magaalaa keenyaa waliin ta’uun hojiilee keenya misooma koriidarii naannofnee gamaggamneerra.
Hojii keenya misooma koriidariin misooma daandii konkolaataa Kiiloo Meetira 48 ol, daandiiwwan lafa deemtotaa lafa jalaa 4 , daandiiwwan babal’aa lafoo deemtotaa Kiiloo Meetira 96 fi saayikilii Kiiloo Meetira 100, tiraakii fiigichaa Kiiloo Meetira 5, iddoowwan kenninsa tajaajila geejjibaa si’eessan tarminaalota fe’umsaa fi bu’insa taaksii fi awutobisii 48, waliigalatti Kiiloo Meetira 240 ol kan ta’u bu’uura misooma daandii fi isaan wal qabatu, iddoolee bashannana uummataa miidhagina magaalattii dabalan 70, faawonteenii fi iddoolee magariisaa, iddoolee aara galfannaa fi bashannanaa, tapha daa’immannii fi pilaazota uummataa, manneen fincaanii 120 ta’an, sadarakaa tajaajila hojii mana qopheessaa magaalattii kan ol kaasan daddabarsiituuwwan dhangala’oo, kaameraawwan nageenyaa magaalaa keenya madaalan, sirna geejjiba keebilii hojii lafa jala diriirsuu, gamoowwan 400 ol akka haaroman taasisuu akkasumas hojiilee halluu fi ifaa sadarkaa magaalattii madaalanii fi ijaarsaawwan biroo hedduu raawwachuu irratti kan argamnu yoo ta’u, hojiileen ijaarsa irratti argaman yoo xumuraman Finfinnee keenyi akkuma maqaa ishee bareedduu, abaaboo, jiraattota isheef mijattuu akkasumas giddugala harkisa idil addunyaa magaalaa keenyaa dabalaa dhufe guddisuun iddoo hawwata turistii filatamaa taasisuuf mul’ata galaa godhanne gama milkeessurratti gahee olaanaa kan taphatan ta’a.
Bu’uura waadaa seenneen daandiiwwan murtaa’an xumurree tajaajilaaf banaa kan taasifne yoo ta’u, daandiin addabaabayii Teediroos hanga Yaadannoo Injifannoo Adawaatti, Daagolii hanga Kondominiyeemii Qayi Bahaaritti, Arat Kiiloo hanga adda bahinsa Q/Maariyaamitti, addabaabayii Meeksiikoo hanga Saarbeetitti kanneen hafanis aadaa hojii haaraa ijaarreen hojii waggoota fudhachaa ture yeroo qabameefitti xumuruuf torbee guutuu 24/7 hojjachuutti argamna.
Hojii misooma koriidarii kana irratti hirmaachaa kan jirtan kontiraaktaroonni, gorsitoonni, hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jirtan, mahaandisoonni, ogeeyyiin, hojjettoota piroojaktichaa hunda, qaamolee nageenyaa akkasumas jiraattoonni magaalaa keenyaa tattaaffii keessanii fi onnee gaariin tajaajilaa fi tumsa kennaa jirtaniif maqaa bulchiinsa magaalichaa fi maqaa jiraattota keenyaan isin galateeffachuun barbaada jedhan Aadde Adaanach fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.