Fana: At a Speed of Life!

Gamaaggamni raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii Dhaabbiilee Wamaamtoota Waajjira Ministira Muummee eegale

Finfinnee, Caamsaa 12, 2016 (FBC) – Gamaaggamni raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii Dhaabbiilee Wamaamtoota Waajjira Ministira Muummee Bakka Itti Aanaan Ministira Muummee FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan argamanitti gaggeeffamuu eegaleera.
Gamaaggamichaan dhaabbiileen Wamaamtoota misooma biyyaleessaa fi Inisheetivii jijjiramaan dhaabbiilee biroof fakkeenya ta’uun haala kamiin hojiiraa oolcha jiru kan jedhu bal’inaan kan dhiyaatuu ta’un ibsameera.
Itti Aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xirunaan hasaawa taasisaniin, raawwii baatiwwaan saglan darbanii gadii fageenyaan qorachuun ergama fulduraaf of qopheessuun barbachisaadha jedhan.
Dhaabbiileen Wamaamtoota karoora Itiyoophiyaa gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisuuf hojjetamaa jiran milkeessuuf fakkeenya ta’uu akka qaban ibsaniiru.
Gamaaggamicharrati Itti Aanaa Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xirunaa, Itti Gaafatamtuu Waajjira Ministira Muummee fi Ministrirri Dhimmoota Kaabinee Aadde Alemtsahaay Phawuloos fi hoggantoonni dhaabbiilee Wamaatoota biroon argamuu TOI gabaaseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.