Dooktar Abiy Agarsiisa Istiraayid Itiyoophiyaa banan
Finfinnee, Caamsaa 10, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad agarsiisa Istiraayid Itiyoophiyaa 2024 Paarkii Teeknooloojii Odeeffannoo Itiyoophiyaatti eebbisiisuun bananiiru.
Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachaw, Af Yaa’iiwwan manneen maree lamaanii, Pireezidaantoonni naannolee, Ministiroonni, Dippiloomaatoonnii fi qooda fudhattoonni damee Teeknooloojii saganticharratti argamaniiru.
Hojii Innoiveeshinii fi Teeknooloojii milkeessuun tumsa kan gaafatu ta’uu Dooktar Abiy haasawa baniinsaa taasiisaniin ibsaniiru.
Hojiilee kalaqaa damee qonnaa ammayeessuuf eegalaman Paarkii Teeknooloojii Odeeffannoo Itiyoophiyaatti daawwachuu isaanii eeraniiru.
Argisiisa mata duree ‘Saayinsiin balbala bana, Teeknooloojiin walitti hidha, Kalaqni gara fuulduraatti ceesiisa jedhuun’ Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiin qophaa’e kun hanga Ebla 18, 2016 tura jedhame.