Fana: At a Speed of Life!

Dorgaa dorgeen Faanaa Laamroot boqonnaa 17ffaan wantoota haaraan dabaalamee boru eegala

Finfinnee, Caamsaa 9, 2016 (FBC) – Dorgommii Moo’aa moo’attootaa 4ffaan booda boqonnaarra kan ture Dorgaa dorgeen Faanaa Laamroot boqonnaa 17ffaan wantoota haaraan dabaalamee boru eegala.
Dorgomtoonni 16 torbee lamaan darban daawwattoota waliin walbaruun kan yaadatamuudha.
Haala dura turerraa dhimmoota haaraa qabatee kan dhiyaate Boqonnaa 17ffaan guyyaa boruu sa’aatii 6:00 jalqabee tamsaasa kallattiin ni eegala.
Dorgomtoonni 16 ramaddii 2 torbeewwan itti aanaan 13’f kan dorgoman yoo ta’uu, boru ramaddii 1ffaan marsaa lamaan muuziqaa filataniin dorgomu.
Naahoom Nagaash, Pheexiroos Maasrashaa, Tsaggaasaxanyi Saayifaa, Eermiyaas Daanyaachaw, Tigisti Antenah, Getaanaw Simanyaw, Zalaalam Tsaggaayee fi Zintaalem Baayehi ramaddii kanaan kan dorgoman ta’a.
Teeleeviizyiinii Faanaa, fuula Feesbuukii, Teeleegiraamii dabalatee karaa marsariitii www.fanabc.com boru sa’aatii 6:00 irraa jalqabee dorgommicha akka hordoftan affeeramtaniirtu.
Lamlam Yohaannistu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.