Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan Yaada sammuu namtolcheerratti xiyyeeffannaa malu akka kennitu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 8, 2016 (FBC) – Afrikaan Sagalee ishee sirriin akka dhageessiffattu, biyyoonni Ardichaa Yaada sammuu namtolcheerratti xiyyeeffannaa malu akka kennan waamichi dhiyaateera.

Yaa’iin Damee Miidiyaa fi Kominkeeshiniirratti mari’atu, Yaa’iin Konveenishinii Miidiyaa Afrikaa 3ffaan Gaanaa Magaalaa Akraatti gaggeeffamaa jira.

Hoggantoonni Miidiyaa fi Kominikeeshiniin, Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi ogeeyyiin miidiyaa biyyoota afrikaa waltajjii marii kanarratti argamaniiru jedhame.

Odeeffannoon Afrikaa haala Yaada Sammuu Namtolcheef galtee ta’uu danda’uun akka qophaa’uu fi Imalli Teeknooloojii biyyoota ardichaa akka saffisu miidiyaan qooda olaanaa qabaachuu yaa’ichaan ka’eera.

Ajandaan Yaa’ii bara kanaa bilisummaa miidiyaa fi walgahiinsa odeeffannoo, akkasumas Miidiyaa Innooveeshinii fi Yaada Sammuu namtolcheen tumsuurratti kan xiyyeeffate ta’uu eerameera.

Dabalataan jijjiirama qabeenya qilleensaa Ittisuuf tarkaanfii furmaata fudhatamu ilaalchisee miidiyaaleen odeeffannoo qaqqabsiisuuf itti gaafatamummaa isaanii sirnaan akka ba’an taasiisuuf yaa’ichi yaada ni dhiyyeessa jedhame.

Yaa’ii guyyoota lamaaf gaggeeffamu kanarratti Itiyoophiyaan muxannoo damichaan qabdu kan qooddu ta’uu ragaan Tajaajila Kominikeeshiniirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.