Fana: At a Speed of Life!

Daldalli Raashiyaa fi Chaayinaa % 90 Maallaqa biyyoota lamaaniin raawwatamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2016 (FBC) – Daldalli Raashiyaa fi Chaayinaa % 90 Maallaqa biyyoota lamaaniin raawwatamuu Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin ibsan.
Pireezidaanti Putiin daawwannaa hojii guyyoota lamaaf Chaayinaa Beejingitti kan argaman yoo ta’uu, gita isaanii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin mari’achuu ibsameera.
Hariiroon Mooskoo fi Beejiingi qajeeltoo walkabajuu, ollummaa gaarii fi faayidaa waloorratti kan hundaa’e ta’uu Pireezidaanti Putiin dubbataniiru.
Weerarri Vaayirasii Koroonaa fi giddu seentummaan qaama 3ffaa guddina biyyoota lamaanirratti dhiibbaa uumus Raashiyaa fi Chaayinaan hariiroo Invastimantii cimaa ijaaruun waljijjiirraan daldala isaanii guddachaa jiraachuu kaasaniiru.
Daldalli biyyoota lameenii % 90 Ruubili fi Yuuwaan kan raawwate ta’uu kaasaniiru.
Daldalli biyyoota kanneen gidduutti gaggeeffamu dabalaa dhufuu eeruun, yeroo ammaa Doolaara biiliyoona 227 qaqqabuu dubbataniiru.
Pireezidaanti Putiin turtii isaaniin, hariiroo biyyoota lamaanii, tumsa diinagdee, waldhabdee Yuukreenii fi Raashiyaa, dhimmoota idil addunyaarratti marii bal’aa ni taasiisuun kan eegamu ta’uu RTn gabaaseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.