Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitichi Waltajjii Qorannoo waggaa 8ffaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Caamsaa 8, 2016 (FBC) –Yuunivarsitiin Saayinsiifi Teeknooloojii Finfinnee Waltajjii qorannoo waggaa 8ffaa gaggeessaa jiraachuun ibsame.
Waltajjichi mata duree “Saayiinsii, Teeknooloojii fi Kalaqa”jedhuun gaggeffamaa jiraachuun eerameera.
Qorannichi Indaastiriiwwaniif galtee olaanaa ta’a jedhameera.
Badhaadhina Itiyoophiyaa saffisisuuf dhaabbileen Barnoota Olaanoo qorannoon gama Saayinsiifi Teeknooloojiin taasiisan murteessaa ta’u Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Baayisaa Badhaadhaa himaniiru.
Ijaarsa biyyaa fi damee Indaastirii guddisuuf gaheen Dhaabbiilee Barnoota Olaanoo guddaa ta’uu isaan qorannoo taasiisuun hojiin isaanirraa eegamu olaanaa ta’uu dubbataniiru.
Pireezidaantiin Yuunivarsitii Saayinsii fi Teeknooloojii Dooktar Darajjee Ingidaan gama isaaniin, waltajjiin qorannoo kun kalaqaaf akka ka’umsaatti kan fayyadu ta’uu ibsuun, Indaastiriiwwan Itiyoophiyaaf galtee Olaanaa ta’a jedhan.
Waltajjicharratti qorannoowwan garaagaraa dhiyaachuun mariin kan gaggeffamu ta’uun ibsameera.
Alemsaggad Asaayyeetu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.