Fana: At a Speed of Life!

Hawwiin keenya Itiyoophiyaa fooyyoftuu gamtaan ijaaramte arguudha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 4, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad qaamoolee Duula Teeleetoonii Dijitaalaa Sosochii Itiyoophiyaa Qulqulluuf qophaa’erratti hirmaatan hunda galateeffataniiru.

Har’a guyyaa tokkotti sosochii Itiyoophiyaa Qulqulluuf Birrii miiliyoona 50 walitti buusuuf karoorfannee turre.

Waan karoorfannee osoo hin milkeessiin aduun nutti hin dhiittu, Guyyaa tokkotti Birrii miiliyoona 154 walitti buufneerra jedhan.

Qaamolee hunda bakka jiranii Teeleetoonicharratti hirmaatan maraaf galanni keenya guddaadha jechuun ibsaniiru.

Har’a lammiileen guutuu Addunyaatti argaman kumni 40 ol ibsituu Hawwii Itiyoophiyaa Qulqulluu kan ta’e Teeleetooniicharratti hirmaatan hojiilee hojjetamaniin ni yaadatamu jedhan.

Hawwiin keenya Itiyoophiyaa fooyyoftuu gamtaan ijaaramte arguudha jedhan.

Dhaloonni kun hanguma aduun baatee dhiitu, dhaloota dhufuuf abdii fi bu’uura cimaa kan dhaalchisu ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.