Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti vaayrasiin koroonaa dabalataan namoota 5 irratti argame

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Qorannaa laabraatoorii sa’aatii 24 darbe keessatti namoota kuma 1 fi 19 taasifameen namoota 5 irratti dabalataan vaayrasichi argamuu isaa Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Dooktar Liyaan waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 122 qaqqabuu beeksisaniiru.

Namoota har’a vaayrasichaan qabaman keessaa 1 lammii Ityoophiyaa yoo ta’u, 4 ammoo laammiilee Chaayinaa jiraattoota magaalaa Sabbataa ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Isheen 1ffaan lammii Ityoophiyaa dubartii gannaa 75 jiraattuu magaalaa Finfinnee yoo taatu, seenaa imala alaa kan hin qabnee fi haalli saaxilama ishee qoratamaa jira jedhame.

Laammiileen Chaayinaa arfan kanneen umrii waggaa 39, 49, 59 fi 28 seenaa imala alaa kan hin qabne yoo ta’an, namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabaachuu isaanii mirkanaa’era jedhame.

Hanga ammaatti waliigala namoota kuma 12 fi 698 qorannaan laabraatoorii taasifameera.

Namoonni vaayrasichaarra dandamatan ammoo 29 ga’aniiru.

Namoonni 88 ammo yaalarratti argamu jedhame.

Vaayrasichi Ityoophiyaatti erga muul’ate lubbuun namoota 3 kan darbe yoo ta’u, namoonni 2 ammoo gara biyya isaanii deebi’aniiru

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.