Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dirree Dawaatti balaan lolaa miidhaa qaqqabsiise

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Magaalaa Dirree Dawaatti balaan lolaa miidhaa qaqqabsiise.

Rooba cimaa kaleessa guyyaa sa’aa 7:30rraa eegalee rooben miidhaan lubbuu fi qabeenyaa qaqqabuu Koomiishiniin Poolisii Dirree Dawaa beeksiseera.

Balaa lolaa mudateen manni 1 jigee daa’iumman umrii waggaa 4 fi baatii 2 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Dabalataan namni umrii waggaa 19 fi 45 lolaadhan fudhatamanii lubbuu isaanii dhabaniiru.

Namoota lubbuu isaanii dhaban arfaniin ala, nama lamarra miidhaan qaamaa qaqqabeera.

Manneen 31 yoo jijjigan qabeenyis lolaadhan fudhatameera.

Baajaajii fi foorsiin 3 lolaadhan fudhatamanii awwaallamanii argamaniiru.

Tuggeewwan elektiriikaa hedduunis kufaniiru.

Koomiishinichi balaa walfakkaataarraa hawaasni akka of eegu dhaamera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.