Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI Alshabaabirratti tarkaanfii fudhachuu beeksise

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI Alshabaabirratti tarkaanfii fudhachuu beeksise.
 
Alshabaab miseensota raayyaa ittisaa imalarra turanirratti miidhaa qaqqabsiisuuf socho’aa turuu Indooktirineeshiniin Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI beeksiseera.
 
Raayyaan ittisaa Ityoophiyaadhaa gara Soomaaliyaa seektara sadi jedhamutti osoo imaluu gareen shororkeessaa Alshabaab imala koonvooy gufachiisuuf socho’aa tureera.
 
Humna ajaja bahaa raayyaa ittisa biyyaatti kutaaleen addaddaa, kutaan waraana helikooftaraa ramaddii bahaa tarkaanfii qindaa’aa fudhachuudhan garicharratti kisaaraa qaqqabsiisuu Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI ibseera.
 
Garichi Doolloo Looq, Baaydawaa Dardallee, Godee Hudaar, Luuq Hukartii fi bakkeewwan birootti garee 6n fanjii kaa’udhaan, dhukaasa moortaarota 59 fayyadamuun imala raayyaa ittisaa gufachiisuuf yaalera.
 
Tarkaanfii raayyaan ittisa biyyaa fudhateenis hidhattoonni Alshabaab 35 yoo ajjeefaman, 14 ammoo madaa’aniiru.
 
Naannichatti fanjii qindeessuun garichaan kan beekamu namni Jabil jedhamu ajjeefameera.
 
Raayyaan ittisaa gochaa shororkeessaa biyyarratti aggaammamu kamuu qolachuuf dammaqinaan hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.