Fana: At a Speed of Life!

Gaazii uumamaa Ogaadeenitti misoome gabaadhaf dhiyeessuuf waliigalteen mallatteeffame

Finfinnee, Eebila 16, 2012 (FBC) – Kuufama gaazii uumamaa sulula Ogaadeenitti misoome gabaadhaf dhiyeessuuf waliigalteen mallatteeffame.
 
Iddooleen 6 argama gaazii uumamaa fi boba’aatin shakkamanii barbaachi irratti gaggeeffamaa jira.
 
Kana keessaayis sulula Ogaadeenitti gaaziin uumamaa faanni tiriiliyooniin 8tti tilmaamamu adda baafamaa osoo jiruu, boba’aa dhangala’aan argamuu isaatin misoomatti akka galu carraaqqin taasifamaa jiraachuu ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa FDRI Dooktar Saamu’eel Hurkaatoon ibsaniiru.
 
Waliigalteen daldalaa kunis gaazii uumamaa naannoo Somaalee, Ogaadeen Kaaluubii fi Hilaalaa akkasumas Shelaaboo gabaadhaf dhiyeessuuf dhaabbata Chaayinaa Poolii CGL Invastimant Peetrooliyam waliin mallatteeffameera.
 
Akkaataa waliigaltichaatin gaaziin uumamaa kun ujummoodhan gabaa biyya keessaa fi alaatif kan dhiyaatudha.
 
Gaazii uumamaa faana kiyuubii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 90 warshaa xaa’oo biyya keessatti ijaarramuu fi fedhiiwwan biroo biyya keessatiif kan dhiyaatu ta’a.
 
Gaaziin uumamaa gara alaatti ergamu karaa sarara ujummoo Ityoophiyaa fi Jibuutiin diriirfamuun geejibee buufata Jibuutiitti dhangala’aatti jijjiirrama.
 
Guyyaatti gaazii uumamaa faana kiyuubiikii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 15 dhangala’aatti jijjiirudhaan, waggaatti gaazii dhangala’aa meetriik toonii 1.5 dhiyeessuu dandeessisa.
 
Kunis argannoowwan biroo soo hin dabalatin waggoottan 20n itti aananitti Doolaara biiliyoona 6 argachuu dandeessisa jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.