Fana: At a Speed of Life!

Dhibee busaa ittisuu fi to’achuuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Eebila 16, 2012 (FBC) – Dhibee busaa ittisuu fi to’achuuf waliigalteen mallattaa’e.

Waliigalticha kan mallatteesse Ministeera Fayyaa fi dhaabbilee trumsaati.

Waliigaltee kanas ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan mallatteessaniiru.

Dooktar Darajjeen busaa ittisuu fi to’achuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yaata’uutii weerara vaayrasii koroonaa waliin walqabatee miidhaa akka hin qaqqabsiisne hojiin hojjetamaa jiru gamaaggamamuun socho’uun barbaachisaadha jedhaniiru.

Waliigaltichi hojii waggoottan sadan darbanii gamaaggamuudhan, karoora tarsiima’aa itti aanu qopheessuuf kan tumsudha.

Karoorri tarsiima’aa 2021 amma 2025 kan qophaa’u ta’uunis eerameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.