Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Taayyeen Itti Aantuu Barreessituu olaantuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Ebla 16, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Itti Aantuu Barreessituu olaantuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan yaa’ii misooma Faayinaansii idil addunyaa 4ffaa ga’umsaan qopheessuuf qophii taasiisaa jiraachuu Ambaasaaddar Taayyeen ibsa taasiisaniiru.

Dhimmoota hariiroo waloo Itiyoophiyaa fi dhaabbaticha gidduu jiruu fi dhimmoota dursi laatamuufi qaburratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.