Fana: At a Speed of Life!

Balfaan dhiibbaan Haroo Haramaayaarra ga’u dabaluun ibsame

Finfinnee, Ebla 15, 2016(FBC)- Balfi goggogaafi dhangala’aan magaalattii keessaa bahu dhiibbaan Haroo Haramaayaarraan gahaa jiru dabalaa dhufuun ibsame.

Rakkoon qulqullina magaalattiitti mudates rakkoo fayyaaf saaxilaanii jiraachuu jiraattonni Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Haramaayaa, Awwadaayii fi Addeellee ibsaniiru.

Balfi goggogaa fi dhangala’aan Magaalaa Haramaayaa keessaa bahuus Harichaarraan miidhaa geessisaa jiraachuu FBC’n taajjabeera.

Magaalaan Maayaa iddoo dhabamsiisa balfa goggogaa fi dhangala’aa gahaa qabaachuu dhabuun rakkinicha hammeessuu kan himan Itti Aanaan Kantiibaa Magaalaa Maayaa Obbo Diinoo Amiin, rakkinicha furuuf hojjatamaa jira jedhuu.

Balfa magaalattii maqsuufis adeemsa bakka balfaa qopheessuu gaggeeffamaa jiruun beenyaa kaffalamuu fi yeroo dhihootti hojitti kan galamu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataan Pirojektiin Paarkii Haroo Haramaayaa Birrii miiliyoona 60 oliin hojjechuuf adeemsa caalbaasiirra jiru, qaama hojiilee haricha kunuunsuuf hojjataman keessaa ta’uu eeraniiru.

Waggoota 16 oliif badee kan deebi’e Haroon Haramaayaa iddoo haara galfii ta’uun cinatti madda galii namoota hedduuf ta’eera.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.