Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Pirojektii “Cool port” barana eegala

Finfinnee, Ebla 14, 2016 (FBC)- Bakka kuduraa fi muduraa qabanneessuun tursiisu pirojektiin “Cool Port Addis” jedhamu barana akka eegalu Dhaabbanni Loojistiksii fi Geejjiba Galaanaa Itiyoophiyaa beeksise.

Hoji Raawwachiisaa Ittaanaa Buufataa fi Terminaalaa Dhaabbatichaa Mihirata’aab Takiluu akka jedhanitti oomishaalee kuduraa fi muduraa qulqullina isaanii eeggatan alatti erguun sharafa alaa argamuu guddisuuf konteenaroota qabbaneessituu ijaaruun murteessaa ta’uu himaniiru.

Haaluma kanaan Buufanni Goggogaa Mojoo bakka tursiisa kuduraa fi muduraaf kan oolu, pirojektii “Cool Port Addis” ijaaruuf dhagaan bu’uuraa waggaa ja’aan dura kaa’amuu yaadachiisaniiru.

Pirojektichi waliigalaan Doolaara miiliyoona 50 kan gaafatu yoo ta’u, ijaarsi pirojektichaas baranaa akka eegalu fi waggoota lama keessatti akka xumuramu ibsuu TOI gabaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.