Fana: At a Speed of Life!

Bishooftuutti lammiilee kuma 50 ta’aniif carraan hojii uumamuun ibsame

Finfinnee, Ebla 14, 2016 (FBC)-Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti lammiilee kuma 50 ta’aniif carraan hojii uumamuun eerame.

Gareen Ogeeyyii miidiyaalee Magaala Bishooftuutti sochii waldaalee dameewwan garaagararratti bobba’anii hojjechaa jiraanii daawwateera.

Daawwannichis Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa fi Ministeera Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaatiin kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

Daawwannichaan waldaalee kaappitaala Birrii miiliyoona 8 hanga miiliyoona 11ol galmeessuun gara invastimantiitti ce’uuf jiran daawwateera.

Dargaggoota carraan hojii uumameef bakka hojii fi galteewwan omishaa Birrii biiliyoonaa 1’tti tilmaamamu mijeessuun eerameera.

Hoji dhabdummaa hir’isuu, fayyadamummaa hawaasaa dabaluu fi diinagdee biyyaa utubuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Obbo Taaddasaa Asaffaan himaniiru.

Carraa hojii uumuu teeknooloojiin deeggaruuf kutannoon hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.

Dameewwan qonnaa, indaastirii fi tajaajilaarratti carraa hojii bal’aa uumuuf xiyyeeffannaan hojjetamuu ibsan.

Baatiiwwan saglan darbanittis damichaan karoora qabame %93 milkeessuun akka danda’ame dubbataniiru.

Dargaggoonni waldaaleen gurmaa’uun hojjechaa jiranis Yaada kennaniin walitti hidhamiinsa gabaa, bakka hojii fi bakka gurgurtaa mootummaan yoo mijeesseef of jijjiiruurraa darbuun diinagdee biyyaa utubuuf xiiqiidhaan kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Addis Taammiraatitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.