Fana: At a Speed of Life!

Baankichi maallaqa seeraan ala fudhatamee ture keessaa % 96.3 deebisiisuu beeksise

Finfinnee, Ebla 13, 2016 (FBC) – Baankiin Daldala Itiyoophiyaa maallaqa seeraan ala fudhatamee ture keessaa % 96.3 deebisiisuu beeksiseera.

Rakkoo siistamaa mudatee ture hordofee Bitootessa 7, 2016 Birriin miiliyoonni 801 seeraan ala fudhatamuun kan yaadatamuudha.

Hanga ammaatti Birrii miiliyoonni 771.3 deebi’uu himeera.

Baankichi Birrii hafe guutummaatti deebisiisuuf hojjetamaa jiraachuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaan ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.