Fana: At a Speed of Life!

Haalli qabiinsa lammiilee iddoo tursiisa addaa gamaaggamamuufi

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) – Boordiin sakkattoo labsii yeroo ariifachiisaa haala qabiinsa lammiilee iddoo tursiisa addaa gamaaggamuufi jedhame.
 
Boordiin sakattoo labsii yeroo ariifachiisaa xiyyeeffannoo mootummaan lammiileef kennaa jiruu fi haala waliigalaa qabiinsa mirga namoomaa ilaalchisee daawwaannaa kan taasisu ta’uu Faanaa Broodkaasting Koorporeetif himeera.
 
Hojiirra oolmaa labsii yeroo ariifachiisaa keessatti dhiittama mirga namoomaa mudachuu danda’u hambisuuf boordichi hordoffii taasisaa jiraachuu himeera.
 
Boordichi wayita raawwii labsii yeroo muuddamaa sarbama mirga namoomaa raawwatamu hordofuun seeraatti kan dhiyeessuu fi haala qorannoo isaas Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessuuf dirqama qaba jedhame.
 
Namoota sababa kanaan to’annoo seeraa jala ooluun mana sirreessaa galanis haala isaanii itti dhiyeenyaan ni hordofa jedhameera.
 
Walitti qabaan Boordii sakattoo labsii yeroo ariifachiisaa obbo Pheexiroos Waldasanbat, hawaasa biratti dagannaa guddaan akka jiru Faanaa Broodkaasting Koorporeetif himaniiru.
 
Lammiileen seeroota ba’an fayyaa fi nageenya isaaniif jecha kabajuu fi kabachiisuu akka qabanii fi qaamoolee nageenyaa seera kabachiisan waliin mormii hin barbaachifne keessa galuu akka hin qabne dhaamaniiru.
 
Hayilaiyyasuus Makoonnoniitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.