Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Abiy Ahimad hoggantoota Yaa’ii gamtaa Afrikaa fi hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin teelee konfaransiin mari’atan.

Finfinnee, Eebila 15,2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hoggantoota Yaa’ii gamtaa Afrikaa fi hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin teelee konfaransiin mari’atan.
 
Gaaga’ama ‘Covid -19’ damee dhunfaarraan ga’u haala dandamachiisuun danda’amurratti hoggantoota yaa’ii gamtaa Afrikaa, hoggantoota biyyoota garaagaraa fi hoggantoota daldalaa Afrikaa biyyoota 20 ol ta’an waliin marii bu’aa qabeessa taasisuu isaanii Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Marii taasisaniin Baankiin Misooma Afrikaa,Baankiin Baasii fi Galii Daldala Afrikaa, Fandii COVID Afrikaa fi Wiirtuu To’annoo fi Ittisa dhibee Afrikaatiif deeggarsa gochuuf kutannoo qabaaachuu isaanii ibsaniiru.
 
Wiirtuu To’annoo fi Ittisa dhibee Afrikaa cimsuu fi dandeettii vaayrasicha qorachuu cimsuun baayy’ee barbaachisaa ta’uu Abiy Ahimad dubbataniiru
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.