Fana: At a Speed of Life!

Koonfiraansiin Misoomaa fi Nageenyaa Godina Arsiitti gaggeeffame

Finfinnee, Ebla 6, 2016 (FBC)- Koonfiraansiin misoomaa fi nageenyaa bakka buutota hawaasaa Aanalee Godina Arsii shanii fi magaalota Godinicha hirmaachise Magaalaa Itayyaatti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Sadarkaa Pireezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhakiim Muluu dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Obbo Abdulhakiim Muluun akka jedhanitti tokkummaa cimsachuun gufuuwwan misoomaa dhabamsiisuu qabna.

Bulchaan Godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir injifannoo aarsaan argame jijjiramni hedduu galmeessise hawaasni tikfachuu akka qabu dhaamaniiru.

Hirmaattonni konfiransichaas nageenya waaraa mirkaneessuuf shanee lubbuu namaa fi qabeenya barbadeessuun cinaatti saamicha gaggeessan tokkummaadhaan ni qolanna; tarkaanfii olaantummaan seeraa fudhatamus ni deeggarra jedhaniiru.

Mootummaan, rakkoolee, bu’uraalee misoomaa fi bulchiinsa gaarii xiyyeeffannoon furmaata akka kennus gaafataniiru.

Hirphoo Shibootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.