Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen biyya alaa sadii Itiyoophiyaatti miseensa Gabaa Kaappitaalaa ta’an

Finfinnee, Ebla 4, 2016 (FBC)- Dhaabbata Naayijeeriyaa “Stoke Exchange” dabalatee dhaabbileen biyya alaa sadii Itiyoophiyaatti miseensa Gabaa Kaappitaalaa Ta’uun eerameera.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa Dooktar Xilaahuun Ismaa’eel akka ibsanitti, qajeeltoo michummaa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaa bu’uureffachuun dhaabbatichi kappitaala Birrii biiliyoona 1.5 walitti qabeera.

Kaappitaalichis baankota 16, dhaabbilee Inshuraansii 12 fi dhaabbilee biyya alaa damee faayinaansiirraatti hojjetan 17irraa akka walitti qabame eeraniiru.

Dhaabbileen dhuunfaa %75 fi dhaabbilee misoomaa mootummaa ammoo %25 qoodaa kan qaban ta’uu eeruun Gabaan Kaappitaalaa hundeeffames dhaabbilee biyya keessaa dabalatee dhaabbileen biyya alaa sadii miseensa ta’uu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.