Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee eebbifamoo baatii Raamadaanaatti raawwataman yeroo kaanis itti fufsiisuun murteessaadha-Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Ebla 1, 2016 (FBC)- Hojiilee eebbifamoo miira namoomaa fi dhiifamaatiin baatii raamadaanaatti raawwataman yeroo kaanis aadeffachuun itti fufsiisuun murteessaa ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Fiqaaduu Tasammaan ibsan.
Obbo Fiqaaduu tasammaan ayyaana iid Alfaxiir 1445ffaa sababeeffachuun ergaa dabarsaniin duudhaaleen ayyaanichaa hordoftoota amantichaarra darbee ilma namaa hundaaf barnoota guddaa kan dabarsu fi hariiroof walitti dhufeenya kan jabeessu waan ta’eef jabeessanii dhalootaa dhalootatti dabarsuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.
Bu’uura tokkummaa fi obbolummaa, mallattoo araaraa fi dhiifamaa kan ta’e baatii Ramadaanaa gammachuun simattanii, turtii ji’a tokkoo galata galfachaa, soomaa fi salaataanis rabbii keessan kadhachaa, hiikaa baatii Ramadaanaa, kabaja Ayyaana Iid Al Faxir bara hijraa 1445ffaa dhaaf kan qaqqabdan hawaasni musliimaa naannoo fi biyya keenyaa, darbees guutuu addunyaatti argamtan baga guyyaa kabajamaa kanaan nagaan ittiin isin gahe, baga geessan jechuun fedha.
Baatiin ramaadaanaa baatii eebbifamaa hawaasni musliimaa uumaa isaa kadhachaa miira namoomaa fi dhifamaatiin hojiilee eebbifamoo fi arjooma dhalli namaa hundi itti gamadu itti raawwatu, gaarummaa qajeeltoo amantichaa ta’e gochaan kan itti mul’isu, araaraa fi dhiifamni dhugaas kan itti labsuudha.
Kunis barsiifata jaalalaa fi tokkummaa dhugaa, gaarummaa fi obbolummaa ta’uurra darbee daandii milkaahinaarra imaluuf kan darbe dhiifamaan cehuu fi har’a waan gaarii dalaguudhaan galaa boruuf ta’u kaawwachuun murteessaa akka ta’e agarsiisa.
Baatiin kabajamaan kun yeroo turtii isaa raawwatee wayita xumuramu hawaasni muslimaa kan marsaa dhufuutiin nu gahi jedhee rabbiin kadhachaa, walitti dhufeetis salaata Iidaatiin waloomina ibsachaa ayyaana Iid Al Faxir kabajata.
Ayyaanni Iid Al Faxir hordoftoota amantichaa biratti sirnoota garaa garaatiin miidhagee kan kabajamu yemmuu ta’u, kennaa Zakaatal Fxiriitiin duudhaan wal gargaaruu ifee kan itti mul’atu, inni tokko isabiraatiif madda gammachuu fi waloominaa ta’uun wal cinaa dhaabbachuudhaan kan ayyaaneffatamuudha.
Duudhaaleen ayyaanichaa kunneen hordoftoota amantichaarra darbee ilma namaa hundaaf barnoota guddaa kan dabarsu fi hariiroof walitti dhufeenya kan jabeessu waan ta’eef barsiifata gaarii kana jabeessanii dhalootaa dhalootatti dabarsuun barbaachisaadha.
Sooma baatii ramadaanaa Rabbiin kadhachaa, araara labsaa, dhiifamaan tokkummaa itichaa fi arjoomaan gammachuu uumaa xumurtanii Ayyaana Iid Al Faxir waggaa 1445ffaa yemmuu kabajattan hojiilee gaggaarii baatii kana keessa raawwachaa turtan cimsitanii itti fufsiisuu fi akkaataa amantaan keessan akeekuun duudhaa wal gargaarsaa fi waliin jireenyaa jabeessuu, wal tumsuu fi wal cinaa dhaabbachuun daran barbaachisaadha.
Miira tokkummaa fi obbolummaa dhugaa goonfannee mul’ata waloo keenyaa dhugoomsuuf qormaatilee tokkummaa keenya laaffisanii fi nageenya keenya rakkoof saaxilan qindoominaan dura dhaabbachaa imala jijjiirama eegalame galmaan gahuuf har’as akkuma kalessaa gahee adda durummaa haa bahannu jechaa, ammas irra deebi’uudhaan baga ayyaana Iid Al Faxir waggaa 1445ffaan nagaan ittiin isin gahe jechuun barbaada.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.