Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Iid Alfaxiir nagaan akka kabajamuuf qophii xumuruun hojiitti seeneera-Humnicha waloo

Finfinnee, Ebla 1, 2016 (FBC)- Ayyaanni Iid Alfaxiir nagaan akka kabajamuuf qophii xumuruun hojiitti seenuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa beeksise.

Humnichi waloo Ayyaanaa Iid Alfaxiir sababeeffachuun erga bagaa ittiin isin gahee dabarseera.

Hawaasni Musliimaa, ayyaanicha rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan akka kabajuuf naannolee fi bulchiinsa magaalotaa waliin qophii xumuruun gara hojiitti seenuun ergama isaa sirnaan bahachaa jiraachuu himeera.

Ummanni biyyattiis gufuuwwan nageenyaa wantoota ta’an dhabamsiisuuf hojii nageenyaa kabachiisuu keessatti hirmaannaa abbummaan taasisaa jiru daran cimsee itti fufuu akka qabu akeekeera.

Naannawaa isaanitti dhimmoota shakkisiisoon wayita mudatutti qaamolee nageenyaaf eeruu kennuu fi tumsa barbaachisaa taasisuun gahee gama isaanii akka bahataan waamicha dhiyeesseera.

Faayidaa biyyaa fi ummataa dursuun sochii nageenyaa biyyattii mirkaneessuuf taasifamu keessatti qaamolee nageenyaa dirqamarratti bobba’an galateeffachuun, hordoftoota amantii Islaamaa maraan baga Ayyaana Iid Alfaxiir kan bara 1445’ffaa nagaan geessan jechuun erga isaa dabarsaeera.

Ayyaanichis kan nagaa, fayyaa, jaalalaa fi waloomaa akka ta’u hawwii gaarii qabu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.