Fana: At a Speed of Life!

Hayyuun biyya jaalatu dhaabbata ceesisuun biyya ijaara – Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Bitootessa 30, 2016 (FBC) – Hayyuun biyya jaalatu dhaabbata ceesisuun biyya ijaara jedhan Itaamaajooriin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.
Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisaa Dhaabbata Humna qulqullina, Ga’umsaa fi muuxannoo ga’aa qabu, ergama waraanaa saffisaa fi bu’aa qabeessa raawwachuu danda’u horachaa jiru ta’uu dubbataniiru.

Argannoowwan haaraa kalaquun hidhannoon Raayyaa Ittisaa ammayyaa, bu’aa qabeessa teeknooloojiin deeggarame akka ta’u qorannoo fi qoo’annoorratti xiyyeeffachuu qaba jedhan.

Kabajni biyya tajaajiluu caalu hin jiru kan jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan, faayidaa dhuunfaa caalaa biyyaa fi dhaabbataaf quuqqamu hayyoota ciccimoo, horachuu, leenjisuu fi qindeessuun murteessaa ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.