Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun gita isaanii Peekaa Haavistoo waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Eebila 14, 2012 (FBC) – Obbo Gadduun gita isaanii Peekaa Haavistoo waliin bilbilaan mari’atan

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw ministira dhimma alaa Fiinlaand Peekaa Haavistoo waliin dhimmoota biyyoota lamaanii, naannoo fi idil addunyaarratti waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Obbo Gadduun marii bilbilaan taasisaniin Ityoophiyaa fi Fiinlaand hariiroo baroota dheeraa lakkoofsise akka qaban yaadachisaniiru.

Ityoophiyaan hariiroo biyyoota lamaani cimsuuf murannoo qabdi jedhan.

Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tattaaffi taasisa jirtu ibsuun, biyyoonni lamaanis vaayrasicha ittisuuf waliin akka hojjetan himaniiru.

Obbo Gadduun, Fiinlaand deeggarsa misooma magarisaa Ityoophiyaaf taasisaa jirtu galateeffachuun kunis cimee akka itti fufuu abdi qaban ibsaniiru.

Dabalaatan obbo Gadduun sadarkaa hidhi haaroomsaa guddichi irra jiru akkasumas Ityoophiyaa, Sudaan, Gibtsi Ameerikaatti taajjabdummaa Baankii Addunyaan marii taasisaa turan ibsaniiru.

Ministirri dhimma alaa Fiinlaand Peekaa Haavistoo gama isaanitiin, haalaa waqtawa Ityoophiyaa ibsa laatameef galateeffachuun Fiinlaand Ityoophiyaa waliin hariiroo qabdu sadarkaa itti aanuutti ceesisuuf akka hojjeettu ibsaniiru.

Fiinlaand vaayrasii koroonaa ittisuuf tattaffii addunyaan taasiftuu kan deeggartu fi muuxannoo ishee hiruuf qophii ta’u ibsaniiru.

Hidhi haaroomsaa guddichi Ityoophiyaa marii biyyoota sadeenin akka hiikamu abdiin qaba jedhan.

Peekaa Haavistoo gama kanaan deeggarsi Fiinlaand barbachisaa yoo ta’e deeggarsa taasisuuf qophii ta’u ishee himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.