Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Gabra Gurraachaatti balaa tiraafikaan lubbuun namota sadii darbe

Finfinnee, Bitootessa 28, 2016 (FBC)- Godina Shawaa Kaabaa Bulchiinsa Magaalaa Garba-Gurraachatti balaa tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 3 darbuu Waajjiri Poolisii Magaalichaa ibse.

Waajjirichatti To’ataa Nageenya Tiraafikaa Ittaanaa Saajii Darajjee Sooromsaa akka ibsanitti, Magaalaa Gabra Gurraachaa Ganda Harbuu Barii iddoo addaa Dildila jedhamutti kan uumameedha.

Balichaan lubbuun namoota sadii yoo darbuu namoota lama irraa ammoo miidhaan qaamaa cimaan qaqqabuu ibsaniiru.

Namoonni miidhaan irraa qaqqabes Hospitaala Waliigalaa Kuyyuutti gargaarsi wal’aansaa taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Sababni balichaas ariitii eeyyamameen ol konkolaachisuun ta’uu ibsuu ragaan qajeelcha poolisii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.