Fana: At a Speed of Life!

Magaalota naannolee garaagaratti hirirri deeggasaa gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2016 (FBC)- Magaalotaa naannolee biyyattii garagaraattii jijjiiramaan bu’aalee argaman milkeessuuf hiriirri deeggarsaa gaggeeffameera.

Haaluma kanaan hiriirri deeggarsaa kun mata duree “Jijjiiramaa biyyaalessaa ni bu’uuressina; nageenyaa keenyaaf waardiyyummaa ni dhaabbanna” jedhuun Godina Guraagee Magaalaawalqixxeetti gaggeeffameera.

Bifuma walfakkaatuun hiirrii deeggarsaa Magaalaa Halaabaa Qillittoottis gaggeeffameera.

Hiriiricharratti qondaaltonni olaanoo mootummaa fi kutaaleen hawaasaa garagaraa hirmaachuun ragaan kominikeeshinii godinaalee kanneenirraa argame ni mul’isa.

Dabalataan Hiriirri bu’aalee hojii hooggansa jijjiiramaaf tumsu Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaa, Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Godina Daawuroottis hiriirri deeggarsaa mata duree “Nageenya keenya ni eegganna; jijjiirama ni Wareessina” jedhuun gaggeeffameera.

Naannoo Hararii kan gaggeeffame yoo ta’u jiraattoonni naannichaa hirmaataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.