Fana: At a Speed of Life!

Misoomni Koriidarii guddina hunda galeessa magaalichaaf qooda olaanaa qaba – Hayyoota

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC) – Piroojektiin Misooma Koriidarii Magaalaa Finfinnee guddina hunda galeessa magaalichaaf qooda olaanaa qabaachuun Hayyoonni ibsan.

Hayyoonni, Ogeeyyiin damichaa, bakka buutoonni dhaabbilee mootummaa, Paartilee Siyaasaa fi kaafamtoota misoomaa piroojekticharratti ejjennoo waloo qabachuuf marii paanaalii gaggeessaniiru.

Galii magaalootaa guddisuuf, ijaarsa bu’uraalee misoomaa fooyyessuuf, Invastimantii hawwachuu, hawwata Turistootaa babal’isuu fi qabiyyee hambaalee fooyyessuuf piroojektii qooda olaanaa qabu ta’uu hayyuun Hojiilee Karoora Ogummaa Siiviilii fi Maandisa Magaalaa Gargaaraan Piroofeesaraa Hirphoo Barreessaan ibsaniiru.

Piroojektiin kun qorannoo gahaan kan irratti gaggeeffame gara fuulduraatti bu’aan qabaatu olaanaa ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Tajaajila Gorsaa Kaampaasii Obbo Goosayee Baqqalaan dubbataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.