Fana: At a Speed of Life!

Misoomni kooriidarii carraa invastimantii fi tuuriizimii magaalotaa bal’isa-TKM

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC)- Pirojektiin misoomaa kooriidarii magaalotaa carraa invastimantii, tuuriizimii fi daldalaa akka bal’isu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministirri Tajaajilichaa Dooktar Laggasaa Tulluun akka ibsanitti, naannawicha bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuuf pirojektiin misooma kooriidarii Itiyoophiyaa magaalota garaagaraatti hojiirra oolaa jira.

Magaalonni teeknooloojiin kan ammayyaa’anii fi carraalee invastimantii fi hawwattumma tuuriizimii magaalotaa dabaluuf kan kaayyeffate ta’uus hubachiisan.

Haaluma kanaan naannawichaa dameewwan geejjiba baaburaa, bishaan, elektirikii akkasumaas bu’uuraalee misoomaarra darbee sagantaalee garaagaraa waliin qindeessuun kan hojiirra oolfaman ta’uu kaasan.

Magaalaa Finfinneettis sagantaa misooma Kooriidariin, naannawaalee duraan misoomaan kanneen hinmisoomneen walitti hidhuun magaalattii akkuma maqaa ishee miidhagduu taasisuuf yaadamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Pirojektichis tajaajila daldalaa fi geejjibaa saffisiisuuuf tumsa kan jedhan Dooktar Laggasaan, kunis jireenyi lammiilee akka fooyya’u, magaalattiin jireenyaaf mijattuu akka taatuu fi guddina biyyaaf kan gumaachu ta’uu dubbataniiru.

Gama biraatiin, hojiilee qonna Arfaasaaf qophiin duraa barbaachisaan taasifamaa akka jiru himaniiru.

Galteewwan qonnaa dhiyeessuu, hojiilee Ashaaraa Magariisaa baranaafis biqiltuuwwan qopheesuun naannolee huundaattii xiyyeeffannaa olaanaan gaggeeffamaa akka jiru ibsaniiru.

Miikiyaas Ayyalaa fi Amalawarqi Damissawun

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.