Fana: At a Speed of Life!

Nageenya naannawaa garaagaraatti mirkanaa’aa jiru itti fufsiisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, bitootessa 26, 2016 (FBC)-Tarkaanfii Raayyaan Ittisaa Biyyaa ummata waliin ta’uun gareewwan fiinxaaleyyiirratti fudhataa jiruun, nageenya naannawaa biyyattii garaagaratti mirkanaa’aa jiru itti fufsiisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Ibse.
Tajaajilichi haala waliigalaa biyyalessaarratti ibsa miidiayaaleef kenneera.
Ibsicha kan kennaan Ministirri Tajaajilichaa Dooktar Laggasaa Tulluun, mootummaan rakkoolee jiran karaa nagaan furuuf yoomiyyuu balballii isaa banaa ta’uu eeran.
Qaamolee filmaataa nagaa dhiyaatee fudhatama dhabsiisuun gochaalee nageenya booressanirratti boba’aanirrattis hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu cimee kan itti fufu ta’uu himan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa naannawalee gareewwan fiinxaaleyyiin socho’anitti tarkaanfii fudhachaa jiruun nageenyi naannawichatti mirkanaa’a jiraachuu ibsan.
Naannoo Amaaraattis nageenyaa fi tasgabbii dhufaa jiru itti fufsiisuuf hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.
Yeroo ammaas hidhattoonni garee fiinxaaleeyyii kuma 12 ol waamicha nageenyaa simachuun hawaasatti akka makaman taasifamuu yaadachiisaniiru.
Kanneen hafaniifis waamicha taasifameen leenjii haaromsaa fudhachuun nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf gahee isaanii bahachaa akka jiran eeran.
Kanneen waamichaa nagaa taasifame hinfudhannees gochalee saamichaa, qabeenyaa mancaasuu, hojiilee misoomaa fi qonnaa gufachiisuurratt bobba’anii jiraachuu himan.
Gochii kunis kaayyoo dhabiisaa fi abdii kutannaarraa kan madde ta’uu ibsanii, gochaalee fiinxaaleyyii kana dhaabuufis ummannii fi Raayyaan Ittisa Biyyaa qindoominaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaattis tarkaanfii garee Shaneerratti fudhatamu itti fufuu ibsan.
Haaluma kanaan naannawaa garichi socho’utti tarkaanfii Raayyaan Ittisaa fudhachaa jiruun da’annoo gadi lakkisiisuu, miseensota garichaa hedduurrattis tarkaanfii fudhachuu eeraniiru.
Naannawaa Raayyaan Ittisa Biyyaa tarkaanfii fudhachaa jiruttis gaaddisni nageenyaa dagaaguu, hojiileen misoomaa akka hojjetaman haala mijataa uumuu fi sochiin hawaas-diiangdee akka saffisuu ta’eera jedhaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.