Fana: At a Speed of Life!

Yaadamni ida’amuu jijjiiramni ilaalchaa haaraan akka dhufu daandii baneera – Obbo Ordiin Badrii

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) – Yaadamni ida’amuu Itiyoophiyaatti jijjiiramni ilaalchaa haaraan akka dhufu daandii kan bane ta’uu Pireezidaantiin naannoo Hararii Obbo Ordiin Badriin ibsan.
Mariin paanaalii Imala ida’amuu mata duree “Bu’aawwan Jijjiiramaa fi ida’amuu” jedhuun Magaalaa Hararitti gaggeeffameera.
Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrin, Yaadamni ida’amuu Itiyoophiyummaa fi eenyummaan sabaa madaala isaanii eeguun akka imalan taasiseera jedhaniiru.
Naannichattis yaadni ida’amuu siyaasa shiraa irraa gara siyaasa qajeelaatti, seera alummaa, gadadoo fi waldhabdee irraa gara nagaa fi tasgabbiitti, wal dhiibuu fi jibbarraa gara araaraa fi tokkummaatti akka ceenu nu taasiseera jechuun ibsaniiru.
Yaadamni kun hidda gadi fageeffatee, aadaa ta’ee dhaloota dhufuuf akka darbuuf jijjiiramni yaadicha cimsuun eegalame cimee itti fufuu qaba jechuu isaanii ragaan BKNH irraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.