Fana: At a Speed of Life!

Bitooteessi 24 siidaa bilisummaa fi walqixummaa Itiyoophiyaanotaati! Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) – Bitooteessi 24 siidaa bilisummaa fi walqixummaa Itiyoophiyaanotaati jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Iromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan.
Bitootessa 24, guyyaa seena qabeessa siidaa bilisummaa fi wal qixxummaa Itoophiyaanotaa ta’ee fi jijiiramni karaa nagaa itti dhugoome sababeeffachuun hiriirri deeggarsaa guyyaa har’aa guutuu Oromiyaatti gaggeeffame milkiin xumurameera.
Qaamoleen hawaasaa naannoo keenyaa kaka’umsa mataa keessaniitiin guyyaa seena qabeessa biyyi keenya daandii milkiif badhaadhinaa itti eegalte Bitootessa 24 yaadachuudhaaf, deeggarsaa fi aantummaa injiinara jijjiiramichaa looreetii nagaa addunyaa Dr. Abiyyi Ahimadiif qabdan ibsachuuf hiriira baatanii ergaawwan gurguddoo dabarsitan akkasumas milkaahinaa fi injifannoowwan hanga ammaatti argamaniif dirreetti baatanii beekamtii kennitan hundi galata guddaa ta’e isiniif qabna.
Bitootessi 24, guyyaa Itoophiyaan yaaddoo bittinnaa’uu keessaa baatee cabiinsa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa irraa itti baraaramtee fi daandii obbolummaa sab daneessummaatiin jijjiiramni hunda galeessi itti dhugoomuu eegale waan ta’eef seenaa biyya keenyaa keessatti iddoo ol’aanaa qaba.
Qaamoleen hawaasaa naannoo keenyaa hiriira guyyaa har’aa irratti qooda fudhattan, dargaggootni, dubartootni, qonnaan bultootni, horsiisee bultootni fi jiraattotni magaalaa akkasumas jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa fi haadholiin Siinqee akkasumas qaamoleen nageenyaa jalqabaa hanaga xumuraatti nagaa ummataa tiksitan fi miidiyaaleen sagantaa kanaaf uwwisa kennitan akkasumas hoggansi sadarkaan jirtan hundi galata guddaatu isiniif mala.
Milkaahinoota gama siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi hariiroo alaatiin goonfanne kunuunfachaa, qormaatilee nu muudatanis qabsoodhaan mo’achaa injifannoo caalmaatiin badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuuf har’as akkuma kaleessaa qindoominaa fi waloon haa imallu.
Bitooteessi 24 siidaa bilisummaa fi walqixummaa Itoophiyaanotaati!
Fiqaaduu Tasammaa
Hoogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa!
Galatoomaa!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.