Fana: At a Speed of Life!

Ergaan uummanni keenya dabarse imalli badhaadhinaa bu’uura jabaa irratti ijaaramaa jiraachuu mirkaneessa -Pir Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) – Ergaan uummanni keenya dabarse imalli badhaadhinaa bu’uura jabaa irratti ijaaramaa jiraachuu mirkaneessa jedhan Pireeziddnatiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Uummanni keenya biyya jabduufi mootummaa isaaf ta’u qabaachuuf qabsoo obsa fixachiisaa gaggeesseera jedhan Obbo Shimallis.
Pireeziddnatiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan hiriira deeggarsa Injifannoo Bitootessa 24 sababeeffachuun gaggeessan ilaalchisee ergaa galateeffannaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.
Dambaliin qabsoo uummataa kun hadiida isaa osoo hin gadhiisiin galma waloo milkeessee kabajaafi ulfina biyya keenyatti akka horuuf hojiin hojjetame salphaa hin turre.
Akka seenessi qeenxee dhaadhessu biyyi kun kan tokkoo osoo hin taane biyya sabootaa, sablammootaafi uummattoota hundaa ta’uun isaa injifannoo galmaa’een mirkanaa’e.
Biyyi kaleessa qormaata hamaa daandii lakkuu diigamuun baduu ykn ida’amuun ce’uu irra turte qabsaa’ota haqaa uummataaf dhaabbataniin diigamuurraa baraaramtee injifannoon ol jettee dhaabatte.
Siyaasni shiraan guutames qabsoo obsa fixachiisaan diigamee Itoophiyaa sabdaneettii mirga sabootaafi sablammoota hundaa kabajju ijaaruu eegalameen bu’aan abdachiisaan galmaa’eera.
Kabajamtoota uummattoota naannoo keenyaa;
Mootummaan Paartii Badhaadhinaan hoogganamu waadaa uummataaf galeen injifannoon dhiigaan dhufe dafqaan utubamee galma barbaadame bira akka ga’amuuf hooggansa bilchina qabu kenneen waadaan gochaan akka dhugoomu taasisuu irratti argama.
Uummanni Naannoo keenyaas jijjiirama dhufe deeggaruun injifannoo wareegamaan argate tikfachaa, jijjiirama argames waaressuuf ergaa inni hiriira bahuun dabarse Mootummaan Naannoo Oromiyaa simatee hojiirra kan oolchu ta’uu isaa isiniif mirkaneessuun barbaada.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa barii jijjiiramaa irraa eegaluun injifannoo uummanni keenya argate tiksaa gaaffiin uummata Oromoo irraa jalaan deebii akka argatuuf kutannoon hojjechaa jira.
Kanaanis magaalonni kaleessa Oromoo of irraa dhiibaafi buqqisaa turan duudhaafi eenyummaa Oromoo mul’isuun akka ijaaraman taasifamaa jira.
Sabboonummaa Oromoos barnootaaf teknoloojiin cimsuu, dinagdee cimaafi sirna jabaa ijaaruu irratti akka bu’uureeffamuuf xiiqiin hojjechaa jira. Qabeenya Oromiyaan qabdu beeksisuu, misoomsuufi madda dinagdee utubu akka ta’uufis qorannoofi qo’annoo irratti karaa hundaa’een jijjiiramaaf oolchaa jira.
Bonaafi Ganna, Birraafi Arfaasaa osoo hin jenne waqtii hunda oomishuunis midhaan nyaataan of danda’uurra dabarree gabaa alaaf erguun seenaa haaraan galmaa’eera.
Sirna Federaalizimii obbolummaa sabdaneessa irratti ijaaruun bu’uura qabsiisuu, duudhaa hammannaa Oromoos cimsuun saboota, sablammootaafi uummattoota biroo waliin ta’uun kabaja biyyatti horuu eegalle cimsinee itti fufna.
Roobaafi qorra hamaa tureen utuu hin daanga’iin dambaliin hiriira deeggarsaa guutummaa Oromiyaatti guyyaa har’aa gaggeeffames aantummaa uummanni keenya mootummaa sagalee isaan filateef qabu kan agarsiiseefi kana caalaatti cimnee akka isaaf hojjennuuf hamilee addaa kan nutti horedha.
Akkuma isin guyyaa har’aa jijjiirama argame waliin dhaabbachuun imala badhaadhinaa milkeessuuf waadaa keessan irra deebiin haaromsitan Mootummaan Naannoo Oromiyaas mareefi marabbaan nageenya naannichaa mirkaneessuu, misooma naannichaa ittifufsiisuufi ariifachuun galma badhaadhinaa qabame milkeessuuf hojii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu irra deebiin isiniif mirkaneessuun barbaada.
Waadaa uummata keenyaaf galle osoo hin harcaasiin gochaan dhugoomsaa qormaatilee nu muudatan maqsuun badhaadhina milkeessinee naannoofi biyya keenyatti kabajaafi ulfina ni horra!
Oromiyaa ni ijaarra
Itoophiyaa ni utubna
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina
Waaqayyos nu gargaara.
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
Bitootessa, 2016
Finfinnee
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.