Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti injifannoo Bitootessa 24 argame itti fufsiisuuf hiriirrii deeggarsaa gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti bu’aawwan jijjiiramaan booda argaman itti fufsiisuuf “Nageenya keenya ni eegganna, jijjiirama ni waaressina “ mata duree jedhuun hiriirri deeggarsaa gaggeeffamuu eegaleera.
Hiriirri deeggarsaa kun bu’aawwan gurguddoo jijjiiramaan booda godinaalee Oromiyaa hundatti argaman itti fufsiisuuf kan bahamu yoo ta’u, mata duree “Nageenya keenya ni eegganna, Jijjiirama ni waaressina “jedhuun gaggeeffamaa jira.
Naannoo Oromiyaatti jijjiiramaan booda siyaas-dinagdeefi hawaasummaan jijjiiramni olaanaan argamuu Biiroon Komunikeshinii Oromiyaa ibsa tibbana baasee ibseera.
Gama siyaasaan jijjiiramaan booda paartiin siyaasaa kamuu karaa nagaan akkaataa qabsaa’uu danda’urratti haalli miijachuu yaadachiisaniiru.
Damer dinagdeenis, gama qonnaa manifaakchariingii turizimiifi misooma Albuudaan hojileen uummata naannichaa fayyadan raawwatamuu eerameera. Keessattuu hojii qonnaarratti hojjetameen jijjiiramni olaanaan mul’achuu ibsameera.
Naannichatti misooma qamadii jallisii bonaa, ruuzii akkasumas misooma kuduraa fi muduraarraa bu’aaleen argamuu himaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa rakkoolee hawaasummaa, barnootaa, fayyaa fi kenneen biroo irratti mul’atan furan hojjetamuus himaniiru.
Misoomaa barnootaan qofa hojiilee manneen barnoota oolmaa daa’immanii babal’isuu ijaarsa manneen barnootaa sadarkaa lammaaffaa fi Bultii hojjetamaa turuus eermeera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.