Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsa Guddichaa Itiyoophiyaa Ashaaraa Ummattoota Itiyoophiyaati – TKM

Finfinnee, Bitootessa 23, 2016 (FBC) – Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Guyyaa Dhagaan Bu’uuraa HidhaHaaromsa Guddichaa Itiyoophiyaa kaa’ame waggaa 13ffaa ilaalchisee ibsa kenneera.

Hidhi Haaromsa Guddichaa Itiyoophiyaa Ashaaraa Ummattoota Itiyoophiyaa hundaa ta’uu himeera.

Bitootessa 24, 2003 kan eegalame ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa milkaa’uun yeroo ammaa gara xumuraa ga’uu eereera.
Ijaarsi hidhichaa qormaatilee fi shirawwan hedduu keessa darbuun sadarkaa kanarra ga’uu himeera.

Guyyaan Yaadannoo Dhakaa Bu’uuraa Hidha Itti Kaa’ame waggaa 13ffaan mata duree Gamtaan dandeenyerra jedhuun kan kabajamu ta’uu ibseera.

Guyyaa kun erga ijaarsaa eegalamee kaasee hirmaannaa cimaa fi hunda galeessa Ummnni Itiyoophiyaa abbummaan taasiisaa jiran galateeffachuun kabajama jedheera.

Waayita hidhicha ijaaruuf karoorfamee fi eegalame iyyii fi wacni ture laayyoo hin turre.

Abdii fi abjuun Itiyoophiyaanootaa akka hin dhugoomne sadarkaa idil addunyaatti duulli cimaan gaggeeffamaa turuu himeera.

Hojiileen eegalame akka fashalaa’uu yaaliin adda addaa taasiifamuu ibseera.

Hedduun isaanii ‘ni eegalu malee hin xumuran’ jechuun filannoo liqaa jiru hunda dhorkuu isaanii ibsa isaan eereera.

Manni Mare Nageenyaa hanga akka waraannatti irratti mari’atutti duulli gaggeeffamaa turus, Dhiibbaa hunda dandamachuun ijaarsi hidhichaa boqonnaa xumuraarra ga’uu eereera.

Yaa ta’uutii Itiyoophiyaanoonni waan eegalan wareegama barbaachisu kaffaluun Piroojektii mallattoo tokkummaa ta’e kana sadarkaa amma jirurraan ga’uu himeera.

Hidhicha kan ijaarru qaama kamiiyyuu miidhuf miti, jireenya ummata keenyaa dukkana keessaa baasuuf qofa jedhuun ibseera.

Hojii kanaan qaamni miidhames kan miidhamus kan hin jirre ta’uu eereera.

Hidhaa laga keenyaan biyya keenyatti, humna keenyaan misoomsinuuf kan nutti dhaadatanii fi liqaa nu dhorkatan Itiyoophiyaanoonni illee tumsa akka tumsa hin taasiifne daraan dhama’aa turuu himeera.

Itiyoophiyaanoonni shira diinaa cicciruun hojiin tokkummaan hojjetan har’a bu’aan firii isaanii boqonnaa dhumaarra ga’uu ibseera.

Itiyoophiyaanonni Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaaf gumaachi taasisan maallaqaa qofaa utuu hintaanee gaddaa fi gammachuu isaanii illee dabalata jedheera.

Kunis baasii cidhaa isaaniirraa hir’isuun misirroonni hidhicha tumasaniiru; maatiin gaddi seene yaadannoo waggaa nama du’aan dhabaniirraa hidhichaaf gumachaniiru.

Waliigalaan hidhichi akkuma injifannoo Adwaa, injifannoo hirmaannaa Itiyoophiyaanotaa ta’uu fi kunis dhimmi waloon eegaluun hinxumurree akka hinjirre kan argisiisuudhas jedheera.

Dhiyeessiin anniisaa rakkoo idil addunyaa ta’uu kan yaadachiise ibsichi, kessumaa anniisaa haareffamaa maddisiisuun hojii deeggarsa idil addunyaa argamsiisu ta’uu qaba ture.

Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni laga, dandeettii, biyya isaaniin akka anniisaa haareffamaa hinmaddisiisne hedduun duula gaggeessuu yaadachiiseera.

Haa ta’u malee duubatti yoo harkifachiisan malee mul’ata qabame galma geessisuurraa kan dhaabsisu akka hinturre yaadachiiseera.

Sababni isaas waloon waan dhaabbanneefi jedheera.

Yeroo ammaa milkaa’inni Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa pirojektoota dandeettii ofiin eegaluun xumuruun akka danda’amu kan argisiise ta’uu ibsuun, guutummaan ijaarsa hidhichaas sadarkaa xumuramuurra kan ga’e fi yeroo gabaabaa keessattis guutummaatti kan xumuramuu ta’uu eereera.

Deeggarsa maallaqaa Birrii biiliyoona 18.5 olii taasifameen hidhicha boqonnaa xumuraarraan kan ga’an ta’uun, Itiyoophiyaan hojiilee hafaniifis deeggarsa eenyuuyyuu kan eeggattu akka hintaane ibseera.

Mootummaan barana eegalamuu ijaarsa hidhichaa waggaa 13ffaa wayitaa kabajuu, akka kanaan duraa hirmaannaa gama hundaa lammiilee gaafachuun qofa utuu hintaane kanneen hirmaannaa waloon sadarkaa kanaan ga’an galateeffachaa ta’uu beeksiseera.

Akkumaa Hidha Haaromsaa pirojektii hawaasni dammaqinaan irratti hirmaate fi pirojektiin anniisaa haareffamaa qoramaataan sadarkaa kana ga’es addunyaarra akka hinjiree eereera.

Ta’us Hidhi Haaromsaa kan milkaa’e miira ni dandeenyaa Itiyoophiyaanota maraa fi tattaaffi waloon ta’uu himeera.

Hidhi Haaromsaas injifannoo waloo Itiyoophiyaanota maraa fi faajjii miira ni danda’amaa ta’ee akka itti fufu akeekeera.

Hidhichi gamtaa Itiyoophiyaanotaan akka xumuramuu fi badhaadhinni hunda galeessa akka mirkanaa’u tajaajilichi ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.