Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti ragaalee qabiyyee lafaa Kuma 670 ol diijitaala taasiisuun danda’amuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti baatiwwaan jahan darban ragaalee qabiyyee lafaa Kuma 670 ol diijitaala taasiisuun danda’amuu Biiroon Bulchiinsaa fi Misooma Lafaa magaalichaa beeksiseera.

Hannaa fi hojmaata badaa damichaan mul’atu ittisuuf baatiwwan jahan darban hojiin Riifoormii hojjetamaa turuu Hogganaan Biirichaa Obbo Sisaay Geetaachoon ibsaniiru.

Hojiin ragaalee lafaa Diijitaala taasiisuu fi Kuusaa tokko keessatti gurmeessuu hojjetamuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan baatiwwan jahaan darban keessa ragaaleen qabiyyee lafaa kuma 670 fi 568’f koodiin haaraan kennamuun gurmaa’uu himaniiru.

Teeknooloojiin Tajaajilawwan 27 ‘Online’ kennuuf dandeessisu misoomuu dubbataniiru.

Tajaajilawwan kannamu ammayyeessuu fi haqa qabeessa taasiisuuf hojiin Riifoormii yeroo dhiyootti gara hojiitti kan galu ta’uu himaniiru.

Afawarqi Iyyaayyuu fi Meeroon Mulgeetaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.