Sirni Afxiraa Pireezidaanti Saahilawarqi Zawideen irratti argaman gaggeeffame
Finfinnee, Bitootessa 20, 2016 (FBC)-Sirni Afxiraa Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen irratti argaman Faawundeeshinii Tola Ooltummaa Kaaliiditti gaggeeffameera.
Saganticharratti hoggantoonni Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa, Abbootiin Amantaa, hordoftoonnii fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Pireezidaanti Saahilawarqi haasawaa taasisaniin, garaan gaarummaa akka Kaliid yoo baay’ate, lammiilee rakkatanii daandiirra ba’an akka hinjirre himan.
Wayita Soomaatti waliif yaaduu fi waldeeggaruun mul’atuun bu’uurri aadaa Itiyoophiyummaa cimaa jiraachuutti gammaduu ibsaniiru.
Itiyoophiyummaan amantaan utuun gargar hinfo’amin cimee akka itti fufu gaafachuu TOI gabaaseera.
Itiyoophiyaanota kanneen biroof jiraatan akka baay’atanii fi lammiileef ofirra darbanii beekumsaa fi dandeettii isaanii akka arjooman waamicha dhiyeessaniiru.