Fana: At a Speed of Life!

Bobbiin sararaa fi sa’aan ba’iinsa geejiba qaxxaamura naannolee fooyya’e

Finfinnee, Eebila 12, 2012 (FBC)- Bobbii sararaa fi sa’aa ba’iinsa geejiba ummataa qaxxaamura naannoleerratti fooyyessi taasifameera.
 
Ministeerri Geejibaa raawwii labsii yeroo ariifachiisaa bu’uureffachuun weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi addaan fageenya qaamaa eeguuf fooyyessa taasisuu beeksiseera.
 
Bobbiin sarara qaxxaamuraa Finfinneedhaa gara naanoleetti kanaan duraa jiddugaleessan taasifamaa ture 232, dhibbantaa 60 hir’isuudhan, guyyaatti jiddugaleessan amma sarara 82tti akka daangeffamu murtaa’era.
 
Sa’aan bobbiitis bakka afuritti adda qoodameera.
 
Ganama sa’aa 12tti konkolaattonni tarminaalaa %40, ganama sa’aa 2tti %30, ganama sa’aa 4tti %20, guyyaa sa’aa 6tti %10 akka ba’an ni taasifama.
 
Sagantaan ba’e har’aa eegalee hojiirra ooluu hjalqabeera.
 
#Sagantaan ba’es akka armaan gadiitti dhiyaatera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.