Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy wal’aanamtoota COVID-19 akka ooluf galma barkumeetti kan qophaa’e giddugala yaalaa daawwatan

Finfinnee, Eebila 11, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad wal’aanamtoota COVID-19 akka ooluf galma barkumeetti kan qophaa’e giddugala yaalaa daawwatan.

Muummeen Ministira dooktar Abiy daawwanna isaaniin wal’aanamtoota vaayrasi koroonaa kuma 1 qabachuu akka danda’uutti kan hojjetame giddugalicha daawwachuun hojii raawwatame gamaagamaniiru.

Wayita ammaa kana siren 360 yoo qophaa’u, sireewwan hafan torban keessatti ni qophaa’u.

Giddugalichatti sireewwan 40 wal’aansa hordoffii cimaa fi sireewwan 60 ammoo dandamannaa tajaajila ni laatu.

Giddugalli yaalichaa ogeessota fayyaa 700 dabalatee waliigalaan hojjettoota kuma 1 akka qabaatu ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.