Fana: At a Speed of Life!

Waggoota 2 fi walakkaa darban keessa gama misoomaan jijjiiramni guddaan galmaa’eera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Bitootessa 15, 2016 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa waggoota 2 fi walakkaa darban keessa qindoomina miseensotaafi hoggansaan bu’aalee misooma olaanaa galmeessuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiri.

Konfirensiin miseensota Paartii Badhaadhinaa damee Finfinnee mata duree “Waadaa gochaan, Badhaadhina Itiyoophiyaaf” jedhuun Yaadannoo Injifannoo Adawaa Galma Paan Afriikaattii gaggeeffameera.
Badhaadhinni sagantaa siyaasaa haala qabatamaa uummataa giddugaleeffate bocuun hojiilee misoomaa jireenya lammiilee jijjiiraniifi dhalootaaf darbuu danda’an hojjechaa jiraachuu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen dubbataniiru.

Akkaataa waadaa galameen hojiileen Finfinneetti hojjetaman waltajjii addunyaa irratti beekamtii argachuus himaniiru.

Maanguddoota, dubartoota, fi dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojiileen hojjetaman fakkeenya ta’uu eeraniiru.

Qindoomina uummataan nageenya magaalichaa waaressuun danda’amuu eeruun, aggaammiin farreen nageenyaa qindoomina uummataafi hoggansaan fashalaa’uu dubbataniiru.

Waggooti 2f walakkaa darban milkaa’inni qormaataan dabaalame galmaahus bara bulchiinsaa hafanitti miseensonni paartichaafi hoggansi waliin ta’uun injifannoo caalmaa akka galmaa’uuf waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.