Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen misoomaa Walisootti hojjetamaa jiran cimanii itti fufu qabu-Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC)- Hojiileen misoomaa Magaalaa Walisootti hojjetamaa jiran cimanii itti fufu qabu jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyya Dooktar Abrahaam Balaay.

Jilli Dooktar Abrahaam Balaayiin durfamu Godina Shawaa Kibba Lixaa fi Magaalaa Walisootti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwateera.

Magaalattiitti pirojektoota jalqabamanii osoo hinxumuramiin jiran xiyyeeffannoo akka argatanii fi dorgomtummaa ishee dabaluuf hojjatamuu akka qabu kaasaniiru.

Hojiileen misooma akka godinichaa fi Magaalaatiitti eegalaman yeroo qabame keessatti xumuramuu akka qaban kallattiin ka’ameera.

Doktar Abrahaam Balaayi, hojiin Inisheetivii qamadii fi hojiilee tajaajila lammummaatiin hojjatamaa jiran cimanii itti fufuu qabus jedhaniiru.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuu, nageenyarrattis xiyyeeffannaan hojjechuun murteessaa ta’uu himuu ragaan Kominikeeshinii Godina Shawaa Kibba Lixaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.