Fana: At a Speed of Life!

Taateen tibbana Baankii Daldala Itiyoophiyaa mudate rakkoo siistamaa malee haleellaa Saayibarii miti -BNO

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC) – Rakkoon tibbana Baankii Daldala Itiyoophiyaa mudate taatee fooyya’iinsaa Siistamaan waqabatee uumame malee haleellaa Saayibarii akka hin taane Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo beeksiseera.

Bulchiinsichi dhimmicha ilaalchisee ibsa kenneera.

Taatichi sirna Baankii Moobaayilaa fooyyessuuf yaalii taasiifamaa tureen walqabatee rakkoo uumame ta’uu himeera.

Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Siistama baankichaa (JAR Files Source Code) jedhamu fudhachuun qorannoo fi xinxaala gaggeessuu Daayrektarri Olaantuun bulchiinsichaa Tigisti Hamiid ibsaniiru.

Rakkichi kan uumame dogoggora sagantaa yookaaYaa’insi Loojikaalii waldhahuun ta’uu himaniiru.

Sababa kanaan waayita maamiltoonni maallaqa baafatan hamma hir’isuu qabu osoo hin hir’isin, akkasumas madaala yookaa baalaansii osoo hin hojjetin hafuun rakkoo mudate akka ta’e qorannoon mirkanaa’uu eeraniiru.

Qorannoon gaggeeffameen qaamni alaa seenuun baankicharra miidhaa qaqqabsiise kan hin jirre ta’uu dubbataniiru.

Yaa ta’uutii qorannoo dabalataa fi hojiilee Fooransikii gaggeessuun bu’aan isaa ummataaf kan ifoomu ta’a jedhan.

Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo haleellaa Saayibarii Itiyoophiyaarratti qiyyeeffatu kamiiyyuu ittisuun nageenya dhaabbilee eeguuf hojiilee garaagaraa hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.

Keessattuu haleellaan Saayibarii Dhaabbilee Faayinaansii, Miidiyaalee fi dhaabbilee barnootarratti akka hin raawwanne xiyyeeffannoo addaan kan hojjetaa jiraachuu himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.