Shakkamaan daddabarsa namootaa fi maallaqaa seeraan alaa raawwachaa ture to’atame
Finfinnee, Bitootessa 12, 2016(FBC)- Sanada Boordii Meedikaalaa sobaa qopheessuun yakka daddabarsa namootaa fi maallaqaa raawwachuun kan shakkame to’annoo jala oolfamuu Poolisiin beeksise.
Shakkamaan Geetuu Dajan Waldaragaayi jedhamu hojjetaan Hospitaalaa Xiqur Anbassaa, lammiilee seeraan alaa biyya alaatti godaanaan, sababa dhukkubaan ‘biyya alaatti akka wal’aanaman bordiin hospitaalichaa murteesseera’ jechuun sanada Boordii Meedikaalaa sobaa qopheessuun yakka wayita raawwachaa jirutti to’annoo jala oolfamuun eerameera.
Shakkamtichi dabalataan sirrummaa murtee boordichaa akka adda ba’uuf gaaffiin embaasirraa wayita dhiyaatuttis mirkaneessaa kennuu fi baankotaaf xalayaa deeggarsa sobaa sharafa alaa barreessuun yakka daddabarsa maallaqaa fi namootaa raawwachaa turuu irra ga’amuu poolisiin ibseera.
Shakkamaan Maqaa Sobaa Dooktar Abbaay Gabirasillaasee jedhamuun waamamu namoota Itiyoophiyaarraa gara Awurooppaa imaluuf fedhii qaban barbaaduun yakkicha raawwachuun shakkamee to’annoo jala oolfamuun, qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Biiroo Shakamaa keessatti sakatta’aa taasifameenis sanadoonni fi chaappawwan dhaabbilee fi namoota dhunfaa garaagaraa argamuu ragaan Poolisii Finfinneerraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.