Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaatti Pirojektiin 2ffaan Godaantootaa fi hawaasa keessummeessitoota fayyadamoo taasisu ifoome

Finfinnee, Bitootessa 12, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaatti Pirojektiin 2ffaan Godaansa, namoota biyya keessaa buqqa’anii fi hawaasa keessummeessitoota Itiyoophiyaa fayyadamoo taasisu ifoomeera.

Pirojekticha mootummaan Neezarlaand, Tajaajilli Godaantootaa fi Deebisanii Itiyoophiyaa,dhaabbileen deeggarsa namoomaa fi misoomaa biroo waliin ta’uun hojiirra kan oolchan ta’uu ibsameera.

Boqonnaan jalqabaa Pirojektichaa bara Faranjootaa 2020- 2023tti hojiirra kan oole yoo ta’uu, boqonnaa 2ffaan ammoo har’a ifoomeera.

Kanaanis godaantoonni biyyoota garaagaraa Itiyoophiyaa keessatti argaman, buqqaatoonni biyya keessaa fi hawaasni keessummeessaa faayidaalee hawaasummaa adda addaa kan argatan ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Neezarlaandi Heenk Jaan Baakar, godaantoonni fi hawaasni buqqaatota simatan leenjii ogummaa, carraa hojii fi deeggarsa garaagaraa akka argatan Piroojektichi qooda qabaachuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Godaantoota biyyoota adda addaa hedduu simachuun keessummeessaa jiraachuu Itiyoophiyaatti Daayrektarri Olaantuun Tajaajila Godaantootaa fi Godaansaa deebitootaa Xaayibaa Hasan ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.