Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti lafa heektara miiliyoona 2.6’rratti daagaan kiiloo meetira miiliyoonni 1.2 ol hojjetame-BQO

Finfinnee, Bitootessa 12, 2016(FBC)- Naannoo Oromiyaatti hanga ammatti lafa hektaara miiliyoona 2.6’rratti daagaan adda addaa kiiloo meetirri miiliyoona 1.2 ol hojjetamuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Jilli Hoggaanaa Ittaanaa Biiriichaa Obbo Eliyaas Kadiriin durfamu Godina Baalee Aanaa Diinshootti hojiilee misoomaa fi kunuunsa qabeenyaa uumamaa hojjetaman daawwateera.

Hanga ammattis lafa hektaara miiliyoona 2.6 ol irratti daagaan adda addaa kiiloo meetirri miiliyoonni 1.2 ol hojjetamuu Obbo Eliyaas Kadiir eeraniiru.

Hojiin eegumsa biyyeef i bishaanii itti fufiinsa akka qabaatuuf tuttuqqaarraa bilisa taasisuu, biqiltuu irra dhaabuun misoomsanii faayidaaf akka oolu taasisuun murteessadha jedhaniiru.

Suluulota misooman keessatti misooma dammaa fi biqiltuuwwan muduraalee fi tajaajila adda addaa kennan akka dhaabbataniif deeggersa barbaachisu akka taasisu mirkaneessuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.