Fana: At a Speed of Life!

Finfinneen manneen foonii qajeelfama ba’e hojiirra akka oolchan akeekkachiiste

Finfinnee, Eebila 10, 2012 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee manneen foonii qajeelfama ba’e hojiirra akka oolchan akeekkachiise.
 
Haaluma kanaan;
1. Manneen foonii foon galchanii gurgurtaa eegaluun dura, manichaa fi meeshaalee faayidaarra oolan bishaan, saamunaa fi barakiinaan akka qulqulleessan,
 
2. Foon gurgurtaaf dhiyaatu mana qalmaa/ qeeradhaan qalamee kan dhiyaate ta’uu qaba.
 
3. Namni foon gurguru yeroo hojiisaatti haguuggii afaanii fi funyaanii, qoobii, gaawanii fayyadamuu qaba.
 
4. Mana fooniitti namni foon gurguruu fi maallaqa fuudhu addadda ta’uu qaba.
 
5. Manni foonii bishaanii fi saamunaa dhiyeessuun hojjettoonnisaa yeroo yerootti harka isaanii dhiqachuu qabu.
 
6. Maamiltoonni foon bitan fooddaa gurgurtaarraa meetira 1 fagaatanii dhaabbachuudhan tajaajila argachuutu irra jiraata.
 
7. Maamilli foon bituu dhufu lamaa ol taanan, manni foonichaa maamiltoonnisaa fageenya tarkaanfii lamaa eeganii akka keessummeeffaman gochuu qaba.
 
8. Manneen foonii bakka gurgurtaa isaaniitti foon dheedhii maamiltootaf osoo hin bilcheessin nyaataf gurguruun dhoorkadha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.