Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonn Finfinnee fi naannawaa isheetti hokkoraa fi jeequmsa uumuuf socho’aa turan to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 10, 2016 (FBC) – Shakkamtoonn Magaalaa Finfinnee fi naannawaa isheetti hokkoraa fi jeequmsa hidhannoon deeggarame uumuuf socho’aa turan to’atamuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksise.

Humni badii kun kana dura naannoo Amaaraa giddu gala hokkoraa fi jeequmsa taasiisuuf shirri xaxaa ture oppireeshinii qaamoleen Nageenyaa, Raayyaan Ittisaa fi mootummaan federaalaa qindoominaan gaggeessaniin fashalaa’uu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa ibsa miidiyaaleef ergeen himeera.

Shira badii isaanii naannoo Amaaraatti milkaa’uu dide gara magaalaa Finfinnee fi naannawaa daangaa naannoo Oromiyaatti fiduuf ergama shororkeessummaa raawwachuuf waayita socho’an shakkamtoonni 50 to’atamuu himeera.

Shakkamtoonni kunneen gareen gurmaa’uun Finfinnee fi Naannaa Amaaraa Minjaar Shankooraa giddugala taasiisuun bifa gurmaa’een Magaalaa Finfinnee fi naannawaa daangaa Oromiyaatti hokkoraa fi jeequmsa hidhannoon deeggarame uumuuf qophii taasiisaa waayita jiran to’atamuu humni walichaa ibseera.

Keessattuu ergama Shororkeessummaa raawwachuuf qophii taasiisaa turuu himeera.

Gareen badii kun bakka buutoota Manneen Amantaa Ortodoksii waloomaa tokko tokko haala gurmaa’insa isaaf fayyadamuun, dhaabbilee kanneen bakka walga’ii fi gurmaa’insaa taasiisuun sochii taasiisaa turuu mirkanaa’uu himeera.

Hogganaa garichaa Sintaayyoohu Nigaatuu Gabra’iyyasuus maqaa biraa Abrahaam jedhamu, akkasumas hoggantoonni Faayinaansii, Loojistiksii fi qabeenyaa ta’uun hoggansa kennaa kan turan Faasiil Geetaachoo fi Tawaldee Birhaan kan jedhaman shakkamtoota to’ataman 50 keessatti kan argaman ta’uu humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa kun ibseera.

Gareen kun qaamolee biyyoota alaa addaa addaa taa’uun shira kana gurmeessaa turan,Ajajaa Kumaa Daawwit Waldagiyoorgis, Haabtaamuu Ayyaalew, Maasaay Makonniin, akkasumas,biyya keessaa Iskindir Naggaan kan hogganamu ta’uu eereera.

Gurmuun kun bara 2016 baatii Sadaasaa eegalee sanada qopheessuu fi waliigaltee uumuun caasaa siyaasa, leenjii waraanaa, odeeffannoo fi faayinaansii, akkasumas miidiyaa olola gaggeessu gurmeessuun socho’aa turuu himeera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.